Ergaan kun akka namoota hedduu bira gahuuf video kana like, 🇸 🇭 🇦 🇷 🇪, godhaa !
Artistoota Oromoo qabsoo ummata Oromoo keessatti gahee olaanaa bahaa turanii fi amma illee gumaachi isaanii olaanaa taheef kabaja guddaa qabna.Rabbi umurii dheeraa nuuf haa kennuuf jenna.Haceen koos goota irraa waan dhalateef gootota Oromootiif kabaja olaanaa qaba. Artistootni Oromoo qabsoo Oromoo keessatti gumaacha yoomiyyuu hindagatamne qabu. Qabsoon Oromoo injifannoo fi boqonnaa haaraa kanattii akka cehuus gumaacha seena qabeessa taasisanii jiru. Gumaachi artistootni Oromoo qabsoo sabaa keessatti qaban daraan cimuu akka qabaatu yaada keessa galchuun bara darbe kabajamoo Dr. Abiy Ahimad fi Kabajamoo Obboo Lammaa Magarsaa artistoota Oromoo waliin waltajjii marii galma giddu gala aadaa Oromootti geggeessaanii turan. Waltajjii kanarratti adeemsa qabsoo Oromoo fi gahee artistootaa irratti walhubannoo gaarii ta’etu uumame.
Gahee artistoonni oromoo qabsoo keenya keessatti rawwatan dagachuu hin qabnu artistoonni keenya nu malee humaa hin qaban karaa hundaan artistoota keenya Cinaa haa dhaabbannuu yaada ja'uun qaba galatoomaa !
By Obsa Ahmedin/ Obsa Techno
Негізгі бет Artst Haacaaluu hundeessaa gumaacha artistootni qabsoo sabaa keessatti qaban haala kanaan ibse
Пікірлер: 354