NUN BAASU!!!
Himtee durii miti Dhugaatu waan sirrii nu barsiisaa
Bara dhufee darbu Sobni goobee dhugaa shororkeessaa
Madaa Ciqilee ta'e inni namni dhugaatti harka ol kaasuu
Maaloo haa deebinu daandiin keenya kaleessa'oo nun baasuu
Maaliif hin deebinu daandiin warra kaleessaa'oo nun baasuu!!!
Dhugaa hadheeffannee maaf balfinaa isaan maleewo jireeenyi nuun toluu!
Hammamiyyuu sobaan yoo dursine guyyaa tokko dhaabachuun hin oolu!
Dhalootatti jireenya hadheessinee ijaarranneerra ufii gamoo jigu!
Madaarratti madaa daddaballeewoo garaan keenyaa dide lammiif dhiiguu!
Utuu nuyi waan baayyee waliin maknu barri keenya jallinaan maaf dhumaa!
Mimmilqnee fiignees jalaa hin baanu nu gaafata Gooftaan guyyaa dhumaa!!
Fagaatuyyuu barri yoo bubbulee
Si gaafata seenaan oolee bulee
Xurii seenaa maaliin haxaawwattaa
Hin dagatiin waan facaafte haammattaa
Soottoo qajeellummaa ufirraa baaftee
Ulfuufteetta cubbuuf garaa laaftee
Mootummaan kee si harkaa fudhatama
Jireenyi kees gaddaan goolabamaa
Keessaaf alaa hin qabu hundumatu karaarraa jallatee
Mootummoota caalaa lubootatu dhugaa gurguratee
Madaa Ciqilee ta'e inni namni dhugaatti harka ol kaasu
Maaliif hin deebinuu daandiin Eliyaashib sun nun baasuu
Maaloo haa deebinu daandiin Beelshaazar sunoo nun baasuu
Maaf si quuqa aarsaan haadhoo keetii
Gaarii gochuun siifisoo filannoo keetii
Qacceen tolaa si harkatti maaf dabaa
Bara baraan seenaan si taajjabaa
Yeroo Cubbuun gola kee daaddisu
Qajeelummaan kee maaf sin moosisu
Maaf lolaafta dhiiga obboleessa kee
Jooraa taatee hafta baroota kee!
Yeroo cubbuun deeddebi'ee gola kee daddisu
Qajeelummaan kee maaf sin moosisu
Maaf lolaafta gatii qabawo dhiiga obboleessa kee
Jooraa taatee hafta baroota kee
Beelshaazaaruu muuxannoo utuu qabuu
Garuu dide daandii abbaasaarraa dabuu
Jallinarraan Jallina shaakaleee
Yeroo malee duuti manasaa galee
Saa'oliinis fudhadhu fakkeenya
Gatii Cubbuu kaffaleera beenyaa
Jallinarraan jallina shaakalee
Billaasaatiin ufumaan uf qalee
Akkuma bara Daani'eel sana keenyaan mootiirratti barreeffamee
Beelshaazaar Daadhii dhugee machoofnaan mootummaansaa harkaa fudhatamee
Seenaarraa maaf waa baruu dadhabne Lakkii nun baasu daandiin kaleessa
Dhiiga qulqullootaa nuy jigsinee iyyaa jiraa gola keenya keessaa
Ciqileen keenya haadha hiyyeessaa miidhee firdii qajeelaanis nurraa dhibe
Utuu harkaan ibidda tuttuqnuu lakkii hin jennu anaan maaltu dhibee
Har'aaf callisaa yoo fakkaateyyuu Guyyaa tokko Gooftaan nu gaafata!
Shakkii malee murtoon itti haa deemnuu barruun keenya waan facaase haammataa!
Негізгі бет NUN BAASU || Faarfannaa Haaraa Faarfataa Sanbatoo Goofar || 2023
Пікірлер: 60