Deebiifi ibsa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad paarlamaa irratti kennan kutaa 1ffaa.
Waggoottan darban rakkoolee nam-tolcheefi uumamaan akkuma biyyoota kaanii Itiyoophiyaa qorus iidaan dhaalaa biyyattiira ture rakkicha hammeesseera jedhan, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad.
OBN Waxabajjii 27,2016- Kunis ta’ee garuu hojimaata gara garaa fooyyessuufi diriisuun qormaata gara carraatti jijjiiruun milkaa’inni argamuu dubbatan.
Baroota darban liqii daldalaa fudhachuu dhaabuun iidaan Itiyoophiyaarra jiru gara harka 17.5’tti gadi bu’uu eeran.
Maddi misoomaa dhaabbiin qusannaafi galii walitti qabuudha jedhanii kunis daraan cimuu akka qabu himan.
Kuufamni iidaa dhalootatti akka hin dabarreefis baroota darban doolaarri biiliyoona 10 deebifamuu dubbataniiru.
Kanaanis iidaan biyyattiirra jiru gadi bu’aa akka dhufe eeran.
Garaa garummaa Oomishaalee alatti ergamaniif alarraa gara biyyaatti galan kan alaa galu isa caalu xiqqeessuuf , oomishaalee biyya keessaan bakka buusuuf tarkaanfiiwwan sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuufi kanneen biroon xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.
Qaala’insa gatii oomishaalee nyaataa uummatarraa buusuufis oomishaalee gama kanaan alaa galaniif mootummaan deeggarsa birrii biiliyoona 10 taasisuu eeraniiru.
Barana galii birrii biiliyoona 529 walitti qabuuf karoorfamee ji’oota 11’n darban birriin biiliyoona 466 walitti qabamuus eeran.
Gaaffilee misoomaa uummataa deebisuufis qusannaan cimuu qaba, galii waliin dhawuu, daldalli seeraan alaafi kanneen fakkaatan sirnaan irratti hojjechuu barbaachisa jedhan.
Misooma dhangaa guutu cimsuu, qamadii bonaa ganna misoomsuufi hojilee tarkaanfii addaa sadarkaa hundatti cimsuun akka barbaachisu hubachiisan.
Itiyoophiyaan misooma bunaa, qamadii, dammaafi beelladaan Afriikaarraa 1ffaa taate, gama misooma ruuziifi baala shaayeen bal’inaan hojjechuun carraa misoomsuu biyyattiin qabduun gahuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachis akeekaniiru.
Негізгі бет Deebiifi ibsa Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad paarlamaa irratti kennan kutaa 1ffaa.
Пікірлер: 14