Gaafa Waaqayyo siif lolu ati immoo hin jeeqiin! gabii qabaadhu! Seera ba'uu 14:10-15.
Yeroo tokko tokko wanti Waaqayyo hojjetu, karaan inni irra hojjetu, fi attamitti akka inni hojjetu shaakala keenyaan ala waan ta'eef nuuf hin galu. Nuyii muddama keessa jiru Waaqayyo harka maratee taa'ee waan nu ilaalu nutti fakkaata. Akkuma bartoonni Gooftaa "Waa'een keenya sin dhibuu?" jedhan sana Waan Waaqayyo raawwatee nudhiise yeroo nutti fakkaatu baay'ee dabarsineerra ta'a. Garuu Waaqayyo takka Saba isaa dhiisee, dagatees hin beeku. Inni yeroo hundumaa hojii irra jira. Hin sodaatiinaa,jabaadhaa, dhaabadhaa, Waan Waaqayyo isiniif hojjetu ilaalaa, Galaana dhiphinaa gama Faarfannaa galataatu jira.
#dastaahinsarmuu #subscribe #oromoo
Негізгі бет Gaafa Waaqayyo siif lolu ati immoo hin jeeqiin! gabii qabaadhu! Seera ba'uu
Пікірлер: 25