Mul. 19:11 Kana booddee ilaalee, bantiin waaqaa banamee, farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha irra taa'es maqaan isaa, "Amanamaa, dhugaas" in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaaf in hojjeta.
Mul. 19:12 Iji isaa akka barbadaa ibiddaa ti, mataa isaa irra waan akka gonfoo baay'eetu jira; maqaa isa irratti caafamee jiru tokko qaba, garuu isuma malee, namni tokko illee hin beeku.
Mul. 19:13 Uffata dhiiga cuuphame tokko in uffata, maqaan isaas "Sagalee Waaqayyoo" jedhame.
Mul. 19:16 Uffata isaa irratti, gudeeda isaa irrattis maqaan, "Mootii moototaa, gooftaa gooftotaas" jedhu caafamee jira.
Негізгі бет Mul'ata Yohaannis Boqonnaa 19, Kutaa 2
Пікірлер