Mul. 20:4 Kana booddees teessotaa fi warra firdii kennuun isaaniif kenname teessota sana irra taa'an nan arge; akkasuma immoo lubbuu warra isa Yesus dhugaa ba'etti, dubbii Waaqayyoottis jabaachuu isaaniitiif mormatti kukkutamanii, warra bineensichaaf, fakkeenya isaaf hin sagadin, gubaa isaas adda isaanii fi harka isaaniitti hin fudhatin nan arge. Isaan deebi'anii jiraatanii, waggaa kuma tokkoof Kristosii wajjin in mo'an.
Mul. 20:5 Kun du'aa ka'uu isa duraa ti; warra du'an keessaa isaan kana malee, warri hafan, waggaan kumni sun hamma raawwatamutti deebi'anii hin jiraanne.
Mul. 20:6 'Namni du'aa ka'uu isa duraa kana keessaa qooda qabu attam gammada! Attamis Waaqayyoof kan qulqullaa'ee dha! Duunni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin qabu; isaanoo LUBOOTA WAAQAYYOO, LUBOOTA KIRISTOOSIS ta'anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo'uuf jiru.
Негізгі бет Mul'ata Yohaannis Boqonnaa 20, Kutaa 1
Пікірлер