Mul. 17:12 Gaanfonni kurnan ati argite immoo, mootota kudhan warra kanaan dura mootummaa hin fudhatinii dha; garuu isaan bineensichaa wajjin sa'aatii tokkittiidhaaf akka moototaatti aboo fudhachuudhaaf jedhu.
Mul. 17:13 Isaan kun yaada tokkicha qabu, humna isaanii fi aboo isaanii dabarsanii bineensichatti in kennu.
Mul. 17:14 Isaan hoolichatti lola in kaasu; hoolichi garuu gooftaa gooftotaa, mootii moototaas waan ta'eef, isaan in mo'a; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra fo'aman, warra amanamanii dhas" jedhe.
Негізгі бет Ойын-сауық Mul'ata Yohaannis Boqonnaa 17, Kutaa 2
Пікірлер